Fana: At a Speed of Life!

Cichoomina hojii rakkoo fure

Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) –Leencoo Birhaanuu fi Daani’eel Birhaanuu jedhamu Dhalattoota Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisootti.

Leencoo fi Daani’eel obboleeyyan Yuunivarsiitiwwan garaagaraarratti barataa turaniidha

Leencoon Yuunivarsiitii Wallagaarraa Gosa Barnootaa Seeraan Digrii jalqabaa, Yuunivarsiitii Finfineerraa ammoo Digrii 2ffaan eebbifame.

Daani’eel Birhaanuus Yuunivarsiitii Finfinneerraa Digrii jalqabaan Gosa Barnootaa Injinariingiin, Yuunivarsiitii Baahirdar irraa digrii 2ffaan, akkasumas Yuunivarsiitii Jimmaarraa Digrii 3ffaan eebbifame.

Obboleeyyaan kunneen wayita Yuunivarsiitii garaagaraa baratanitti maallaqa maddoota garaagaraa irraa argataniin lukkuu 300 bituun maatii isaanii biratti horsisaa turuu himu.

Lukkuuwwan kanneen wayita boqonnaaf gara maatitti deebi’an kunuunsu.

Adeemsaanis baay’ina lukkkuuwwan kanneenii gara 700tti guddisan.
Obboleeyyan kunnnen Barnoota isaanii xumuranii wayita deebi’an lukkuu horsiisaa turaniif nyaataa argachuun rakkisaa akka ture dubbatu.

Keessattuu sababa hanqina qulqullina nyaataan hojii isaaniirratti rakkoon mudachuu eeru.

Rakkoolee kanneen furuuf kalaqoota adda addaa yaala turuu himaniiru.

Bu’uuruma kanaan warshaa qindeessa nyaata beeyladootaa oomishu hundeessuuf karoorfatanii hojiitti akka galan.

Yaada isaanii kana hojirraa oolchuuf ogeeyyii garaagaraa wajjin mari’achuun Warshaa Qindeesaa Nyaataa Beeyladaa Diilbii jedhamu hundeessuun hojii eegalan.

Bu’aa ba’ii hedduu booda warshicha akka hundeessan dubbatu.

Warshicha hundeessuun cinaatti ogummaa barataniin hawaasa isaanii tajaajilaa turaniiru.

Dargaggonni kunneen warsicha keessatti kallattii fi al kallattiin namoota 26’f carraa hojii dhaabbii uumaniiru.
Warshichi yeroo amma guyyaatti nyaataa beeyladaa kuntaala 500 oomishaa jiraachus himaniiru.

Dargaggoonni umrii isaanii dargaggummaan wantoota hedduu hojjechuu akka danda’an eeruun, karooraan socho’uu, karoora isaanii hojitti jijjiruuf carraquu akka qaban dhaamaniiru.

Namni kamuu yoo cichoominaan yoo hojjete bu’aa qabeessa ta’uu danda’as jedhu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.