Fana: At a Speed of Life!

Cuuphaan fakkeenya du’a keessaa gara jireenyaatti darbuu mallattoo ce’umsaati-Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga ittiin isin gahe dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Yesuus ilma namaa bade barbaacha ulfina isaa dhiisee nama keessaan namatti of mul’isuun araara, fayyinaafi dhiifamuu cubbuu kan labseefi namioonnis gara yaada garaa isaanii akka geeddaratan, cubbuurraas gara gocha gaariitti akka dhufan kan barsiise ta’uu macaafni qulqulluun dhugaa nuuf ba’eera.

Daandii ilmi namaa irratti kufe hordofee arfii du’aa cabsuun birmadummaa baduu hin dandeenye gonfachiisuun gara mootummaa Waaqaatti deebisuuf kan kufe kaasaa, kan dhukkubsates fayyisaafi qaajeelummaan guutamee araaraafi dhiifama agarsiisaa daandii gara jireenyaatti geessu barsiisuun namoota waliin jiraate.

Waamicha cuuphaa yaada qalbii jijjiirannaa ilmaan namootaaf taasifame keessattis hirmaachuun waamicha taasifame simachuun Yordaanositti cuuphamee fakkeenya dhala namaaf ta’e.

Kanaanis Cuuphaan fakkeenya du’a keessaa gara jireenyaatti darbuu mallattoo ce’umsaa ta’uus ilmaan namootaaf mirkaneesse.

Cuuphaan hordoftoota Amantaa kiristaanaa biratti ayyaana guddaa mallattoo ce’umsaa, araaraafi dhiifamaa ta’ee kan beekamuufi carraa qalbii jijjiirachuun du’arraa gara jireenyaatti ce’uu ilmaan namootaafis kan mijeessedha.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa eebbifamaa ce’umsa dhala namaaf boqonnaa haaraa saaqe guyyaa yaadannoo cuuphamuu Yesuus kan bara 2017 nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.

Kufaatiin ilmaan namootaa mudate olka’iinsa daandii nagaaf jaalalaan guute irraa gara jibbiinsaafi haalootti kan imalchiise bu’aa yaada hamaa irraa maddedha.

Ce’umsi haaraan karaa Yesuus Addunyaa kanaaf dhufe ammoo yaada qalbii jijjiirrannaa irratti kan ijaarame isa hamaa sana yaada ilmaan namootaa keessaa diiguun olka’iinsa haaraatti kan imalchise bu’aa yaada gaarii irratti kan ijaaramedha.

Barsiisa kanarraa kan hubatamu kufaatiifis ta’e ka’umsaaf yaadni murteessaa ta’uu isaati.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Kiristaanaa akkasumas uummanni naannoo keenyaa hundi cabiinsi Itiyoophiyaan keessa turteefi jirtu jibbiinsiifi haaloon ajjeechaafi duuti qormaatilee keessa jirruuf ka’umsi kufaatii yaadaa irraa kan maddedha.

Sirna wal qixxummaa, obbolummaafi haqummaa jabeessee madaala sabboonummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa tiksu ijaarrachuu dhabuu keenyaan wal waraansaafi maraammartoo keessa jirra.

Mootummaan keenya boqonnaa wal waraansaa cufuuf girgiddaa jibbiinsaa diigee riqicha jaalalaa dhalootaaf ijaaruuf kutannoofi amanamummaan hojjechaa jira.

Kanaafis maree biyyaalessaa gaggeessuun rakkoo keessoo keenyaa waloon furannee nagaafi araara biyyaalessaa labsinee ijaarsa biyyaa hundaan hundaaf hundarraa ta’e hojiirra oolchuun olka’iinsa Itoophiyaaf hojjechuun yeroon isaa kan dhaloota kanaati.

Kanaaf yaada gara kufaatiifi diigumsaatti nu imalchiisu hooddannee gara yaada tokkummaafi obbolummaa keenya ijaaruutti waloon imaluun murteessaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaa harka nagaa diriirsee balbala nagaas banee naannichatti nagaa waaraa mirkaneessuuf waliigaltee nagaa qondaaltota WBO waliin mallatteesseen qilleensi nagaa bubbisuu eegalee jira.

Uummata waraanni nu ga’a araaramaa jedheef qawwee lafatti gad qabuun waamicha nagaa simachuu caalaa filannoon biraas hin jiru.

Akka Oromootti wal waraansa hooddannee mareefi marabbaaf bakka malu laachuun hunduu nagaaf dhaabbannee nagaafis akka hojjennu dhaamaa harka nagaaf diriire afaan qawween waraanuu irraa akka of qusatamu hubachiisuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa harka tokkoon nagaa waaressaa harka biraatiin rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun kenna tajaajilaa mirkaneessuuf hojiitti galee jira.

Kanaafis sadarkaa Gandaatti gurmaa’insa haaraa hojiirra oolchinee tajaajila jiru hunda uummatatti dhiyeessuun boqonnaa haaraan saaqamuu danda’eera.

Dhaabbileen mootummaas rakkoolee bulchiinsa gaarii maksaa shira keessaafi alaan mootummaaf uummata gargar fageessuuf hojjetamu qolachaa kenna tajaajilaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechuun murteessaadha.

Maraammartoo hiyyummaa keessaa ba’uuf imalli roga hundaan eegalle abdachiisaadha.

Uummatni keenya Ganna rooba fayyadamee Bonas copha bishaaniifi jal’isiin misooma irratti bobba’uun gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uuf bu’uura amansiisaa kaa’aa jira.

Oromiyaatti milkaa’ina eegalame itti fufsiisuuf harki hunduu misoomaaf diriireefi waktiin hunduu misoomaaf ooluu qaba.

Kanaafis mootummaan haala kan mijeessu milkaa’inaafis kan hojjetu ta’a.

Waadaa filannoo duraafi barii filannootti uummata keenyaaf galle gochaan dhugoomsuu eegalle cimsinee itti fufna.

Waadaan sun gochaan dabaalamuu biras darbee hanga aadeffatamutti imala eegalle cimsinee biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf kutannoo addaan hojjenna.

Dhumarratti Ayyaanni Cuuphaa bara kanaa yeroo jibba jaalalaan haaloo dhiifamaan haqnee qalbii jijjiirannaa labsuun tokkummaa keenya itti haaressinuufi kan dhabe gargaaraa, kan beela’es nyaachisaafi kan daares uffisuun walooma keenya ittiin gabbifnu nuuf haa ta’u.

Ayyaana gaarii!

Oromiyaa ni ijaarra;

Itoophiyaa ni utubna;

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nugargaara.

Shimallis Abdiisaa,

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo

Amajjii, 2017

Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.