Fana: At a Speed of Life!

Daandiilee rakkoolee hawaasummaa furuuf gargaaran keessa tokko tola ooltummaadha-Obbo Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC)- Daandiilee rakkoolee hawaasummaa furuuf gargaaran keessa tokko tola ooltummaa ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiris ibsan.
Tokkummaa biyyaalessaa, ijaarsa nageenyaa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaarratti mariin xiyyeeffate gaggeeffameera.
Ministirri Ministeerichaa Obbo Mahaammad Idiris, hojiileen tola ooltummaa faayidaalee damee hawaasummaa fi diinagdee qaba jedhan.
Hojiileen tola ooltummaa bal’inaan hojjetamuu fi akka biyyaattis aadaa ta’ee itti fufuu akka qabu himan.
Akka biyyaatti rakkoolee hawaasummaa furuufis daandii ta’uu kaasaniiru.
Waltajjii marichaarratti dhaabbilee barnoota olaanoo fi qaamolee qooda fudhattoota gumaacha olaanaa taasisaniif beekkamtiin kennamuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.