Fana: At a Speed of Life!

Daandiin naannawaa Masaraa Mootummaa kallattii tokkootti waan jijjiirameef konkolaachistoonni of eeggannoo taasisuu qabu- Poolisii

Finfinnee, Ebla 5, 2017(FMC)- Daandiin naannawaa Masaraa Mootummaa Araat Kiiloo abbaa kallattii tokkootti waan jijjiirameef konkolaachistoonni of eeggannoo taasisuu akka qaban Poolisiin Finfinnee hubachiise.

Konkolaachistooonni tokko tokko daandichi abbaa kallattii tokkoo jijjiiramuu isaa osoo hin beekiin mallattoowwan tiraafikaa kabajuu dhabuun adabbii danbii cabsuuf saaxilamaa jiraachuu beeksiseera.

Haaluma Kanaan:-

👉  Daandiin qaxxaamuraa Xiyyiit Beetii hanga ibsaa tiraafikaa Paarlaamaa

👉Daandiin Ibsaa tiraafikaa Paarlaamaa hanga Godambaa Saayinsii akkasumas

👉  Daandiin qaxxaamuraa Gabri’eelii hanga Xiyyiit Beet  abbaa kallattii tokkootti jijjiiramuu  ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.