Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf dhufaniif Simannaa Addaa taasisaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Guraandhala 5, 2017, (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf dhufaniif Simannaa Addaa taasisaa jiraachuu Hojii Raawwachisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfin Xaasew ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee walga’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa keessummeessuuf qophii taasisaa turuu eeruun, Daandiin Qillensichaas Miseensa Koree qophiii ta’uun sochii garaagaraa taasisaa turuu himaniiru.
Haaluma kanaan Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa keessummoota walga’ii Gamtichaaf gara Finfinnee dhufaniif simannaa addaa taasisaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia