Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Siidaa Yaadannoo miidhamtoota balaa balallii lakkoofsa ET – 302 eebbisiise
Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa miidhamtoota balaa balallii Xiyyaaraa lakkoofsa ET – 302 waggaa 6ffaa yaadachuuf Siidaa Yaadannoo eebbisiiseera.
Bitooteessa 1, 2011 Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa lakkoofsa balallii ET -302 ta’e Finfinnee gara Keeniyaa Naayiroobii balali’uuf ka’ee daqiiqaa muraasa booda kufee caccabuun lubbuu imaltoota hedduu galaafachuun kan yaadatamuudha.
Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee maatiin miidhamtootaa, Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, keessummoonni waamichi taasiifameef, akkasumas jiraattoonni naannawichaa bakka argamanitti Siidaan Yaadannoo miidhamtoota kanneenii har’a eebbifameera.
Balaa Xiyyaaraa muudatee ture yoomiyyuu dagachuuf rakkisaa fi gadda guddaa ta’us Nageenyaa Geejjiba Qilleensaa caalmaatti mirkaneessuuf murannoon akka hojjennu barnoota kan nuuf kenne ture jedhan Dooktar Alamuu Simeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Balaan qaqqabe suukaneessaa fi gaddisiisaa ta’uu isaan gadda isaa ibsuun daraan rakkisaa ta’uu kaasan.
Balaa suukaneessaa kana booda Nageenya Indaastirii Ayiveeshinii guddisuu, Dizzaayinaa Xiyyaaraa fooyyessuu fi to’annoorratti xiyyeeffannoo addaan akka hojjetamu caalmaatti ka’umsa olaanaa ta’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia