Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii dubartootaan durfamu taasisuufi
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Guyyaa Dubartootaa Idil-Addunyaa sababeeffachuun har’a galgalarraa eegalee balalliiwwan dubartootaan durfaman 6 akka gaggeessu beeksise.
Balalliin kun dubartootaan durfamuun isaa hirmaannaa dubartoonni damee Aviyeeshinii keessatti qaban kan guddisu ta’uu eerameera.
Daandiin qilleensichaa Guyyaa Dubartootaa Idil- Addunyaa sagantaalee garaagaraan kabajaa jiraachuu ibsameera.
Feeven Bishawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia