Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii gara Naayijeeriyaa, Inuuguutti taasisu yeroof adda kute
Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) –Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa hanga Ebla 28, 2017tti balallii gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Naayijeeriyaa, Inuuguu Akaanuu Iibiyaamitti taasiisuu adda kutuu beeksise.
Buufatichi suphaarra jiraachuu hordofee balalliin gara sanatti taasiisu yeroof adda kutuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ragaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti qoodeen ibseera.
Sababa balalliin haqameen dhamaatii maamiltoota muudateef dhiifama gaafateera.