Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gama xiyyaara bituu fi bakka ga’umsaa baay’isuun galma milkeessuu ibse
Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) -) Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gama xiyyaara bituu fi bakka itti imalu guddisuutiin bara 2025tti galma qabate milkeessuu isaa Hoji Raawwachiisaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasawu ibsaniiru.
Obbo Masfin “BBC Focus Africa” waliin turtii taasisaniin, hariiroo cimaa daandiin xiyyaaraa kun ‘Boeing’ waliin qabu ibsuun, dhiheenya kana xiyyaarota 67 ajajuu isaa fi qaamoleen xiyyaaraa filatamoo ‘Boeing’ Itiyoophiyaatti hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Waa’ee daballii gatii tikkeettii gaafatamanii, kaffaltiin lafa qabachuu ol’aanaa, baasiin boba’aa Afrikaa keessatti Baha Giddugaleessaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu qaala’aa ta’uu fi gibirri adda addaa gatiin geejjibaa qilleensaa ardii kana irratti dabaluuf Sababa akka ta’e ibsaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa haaraa waggaatti imaltoota miiliyoona 100 fi miliyoona 10 Keessummeessuu danda’u ijaaruuf qophaa’aa akka jirus eeraniiru.
Adeemsi ijaarsaa kun marsaa lama kan of keessaa qabu ta’uu ibsuun, marsaan jalqabaa imaltoota miliyoona 60 keessummeessu bara 2029tti akka xumuramu himan.
Pirojektiin haaraa kun mana jireenyaa, gamoo haaraa, wiirtuuwwan ‘agro-processing’ fi wiirtuu daldalaa naannoolee pirojektichi itti hojjetamu keessatti jireenya qonnaan bultootaa fi hawaasaa itti fufsiisuuf gargaaru akka of keessaa qabu hubachiisaniiru.
Sirni dhagaa bu’uuraa kaa’uu buufata xiyyaaraa haaraa kanaa dhuma baatii Sadaasaatti akka raawwatamus akeekaniiru.
Helen Taaddasaatu gabaase.