Daandiiwwan saffisaa Finfinnee irraa ka’an afur ijaaruuf qoratamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Daandiiwwan saffisaa haaraa afur Finfinnee irraa gara kutaalee biyyaatti garaagaraatii bahan ijaaruuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.
Daandiiwwan saffisaa qoratamaa jiran kunneen, daandii Finfinnee- Dassee, Finfinnee- Jimmaa, Finfinnee- Dabra Maarqoos, akkasumas Finfinnee -Naqamtee ijaaruuf karoorfamuun ibsameera.
Haala qorannichaan pirojektoonni daandii kunneen giddugalessan dheerina kiiloo meetira 300 kan qabaatan yoo ta’u, hojiin isaaniis marsaa garaagaraatti qoodamee kan hojjetamu ta’uun eerameera.
Masafinti Iyyaayyuutu gabaase.