Daayrektarri IMF Kiriistaaliinaa Joorjiyeevaan Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Daayrektarri Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiriistaaliinaa Joorjiyeevaan daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Kiriistaaliinaa Joorjiyeevaan waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Bulchaa Baankii Biyyaaleessaa Obbo Maammoo Mihiratuu fi Ministira Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan simatamaniiru.
#Oromia #Ethiopia