Daayrektarri IMF Yaadanoo Injifannoo Adwaa daawwatan
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Daayrektarri Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeev Yaadanoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
Daawwancharratti Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shidee, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiretuu, Ministira Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa fi qondaaltonni biroon hirmaataniiru.
Kirstaaliinaa Joorjiyeev turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin, Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi qondaaltota biroo waliin guddina diinagdee Itiyoophiyaa, imaammataan dhimmoota xiyyeeffannoon duraa kennamuuf, fooyyessii diinagdee fi carraalee diinagdeen biyyattii damee dhuunfaaf qaburratti ni mari’atuun eegama.
Daayrektarri dhaabbatichaa Gola Hambaa Masaraa Mootumma Biyyaalessaa, Giddugala Dagaginaa fi Haaromsaa Dubartootaa ‘Lenegewaa’ akkasumas Mana Barnootaa Bultii Qaroo Dhabeeyyii Birhaan daawwachuun isaanii kan yaadatamu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia