Fana: At a Speed of Life!

Daayrektarri Olaantuu IMF Itiyoophiyaa daawwachuufi

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)-Daayrektarri Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeev Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuufi jedhame.

Kiristaaliinaa Joorjiyeev daawwannaa isaaniin qondaaltota mootummaa fi qaamolee biroo waliin dhimmoota diinagdee, imaammataan dhimmoota dursi kennamuu fi adeemsa fooyyessii diinagdee gaggeeffama jiruratti ni mari’atuun eegama.

Kana malees sochii dinagdee fi carraalee gabaa Itiyoophiyaarratti bakka bu’oota seektara dhuunfaa waliin akka mari’atanii fi daawwannaa hojiilee misoomaa garagaraa akka taasisan eeramuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannaan Kiristaaliinaa Joorjiyeev Itiyoophiyaatti taasisan bara 2019 erga gara Hoggansa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaatti dhufanii kan jalqabaati.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.