Fana: At a Speed of Life!

Daldala Alergeerraa Doolarrii biiliyoonni 3.2 ol argamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Baatiwwan jahan darban daldala Alergeerraa galiin Doolaara biiliyoona 3.28 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.
Ministeerichi raawwii karoora baatiwwan jahan darbanii gamaaggameera.
Baatiwwan jahan darban daldala Alaarraa Doolaara biiliyoona 3.28 argamuu Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasahuun Goofeen gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Wiirtuun Qe’ee Qulqullinaa Itiyoophiyaa madaalu ta’ee ijaaramuun milkaa’ina karoorichaaf gahe qabaachuu himaniiru.
Karaa onlaayinii daldala galmeessuu fi eeyyama kennuunis rifoormii bu’a qabeessi mirkaa’anuu dubbataniiru.
Hojjettoota hojiis seeraan alaa hojjetan 18 irrattis tarkaanfiin hojmaataa fi seeraa fudhatamuus kaasaniiru.
Baatiwwan jahan darban daldaltoota miiliyoona 2 fi kuma 50’f tajaajilli Galmee Eeyyama Daldalaa kennamuu eraniiru.
boba’aan seeraan ala deddeebi’aa ture liitira kuma 300 fi kuma 25 to’atamuu himaniiru.
Buufatalee boba’aa raabsan addabbiin birrii miiliyoona 100fi miiliyoona 16 fudhatamuu kaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.