Damee qonnaan milkaa’innoon argaman Itiyoophiyaa boqonnaa haaraatti ceesisaniiru – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Jijjiirama biyyaalessaa hordofee milkaa’innoon damee qonnaan argaman Itiyoophiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.
Dooktar Girmaan jijjiirama biyyaalessaa hordofee milkaa’innoon damee qonnaan argaman ilaalchisee ibsa kennaniin, damichi hojiileen gurmaa’insaa ce’umsa galmeessuu danda’an hojjetamuu himaniiru.
Keessattuu qonna Kilaasteraa fi Meekaanaayizeeshinii babal’isuu, akkasumas qonna roobatti qofa hirkatee ture jijjiiruun gara waggaa guutuu oomishuutti ce’amuu kaasaniiru.
Kunis oomishaa fi oomishtummaa guddisuun Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu dubbataniiru.
Milkaa’inoota argaman waaressuuf gama hojii misooma ashaaraa magariisaan hojiileen jajjaboon hojjetamuu eeruun, misooma qonna jijjiirama qabeenya uumamaa dandamatu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira jedhan.
Wabii nyaataa mirkaneessuuf karoorri tarsiimowaa waggoota 10 qophaa’ee hojiitti galamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makoonnin ibsaniiru.
Jijjiiramaan dura qonna gannaan lafti hektaarri miiliyoonni 12.5 misoomaa ture amma miiliyoona 20.5 qaqqabuu himaniiru.
Oomishni waliigalaa waggaan kuntaalli miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 93 argamaa ture gara kuntaala miiliyoona 600 fi miiliyoona 8tti guddachuu dubbataniiru.
Jijjiiramni damee qonnaan argamaa jiru hojii sodaa balaa humna ofiin dandamachuuf eegalame kan tumsu ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam himaniiru.
Deeggarsa namoomaa humna ofiin uwwisuuf imaammanni qophaa’ee naannolee hundatti gara hojiitti galamuu eeruu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia