Fana: At a Speed of Life!

Dameen dhuunfaa tuuriizimiirratti akka hirmaatuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechaa jira-Salaamaawit Kaasaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Dameen dhuunfaa tuuriizimiirratti akka hirmaatuuf mootummaan xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Tuuriizimii Salaamaawit Kaasaan ibsan.

Aadde Salaamaawiti Kaasaan qopheessummaa Itti Gaafatamtuu Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyumiin kan dhiyaatu Sagantaa “Ethiopian In Focus” jedhamu waliin turtii taasisanii, dhimmoota tuurizimii Itiyoophiyaarratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Itiyoophiyaan aadaawwan, bakkeewwan hawwata tuuriizimii waan qabduuf tuuristoota biyya filatamtuudha jedhan.

Tuuristiin Itiyoophiyaa dhufee hingammadnee fi hinbashannanne hinjiru jedhanii, Itiyoophiyaan bakka argama hawwata tuuriizimii addaa addaa dabalatee bakka argama dhala namaa ta’uun filatamtuu ishee taasisa jedhaniiru.

Waggoottan ja’an darbanittis damee tuuriizimiif xiyyeeffannaan addaa kennamuu ibsanii, damichi madda diinagdee olaanaa biyyattii keessaa tokko ta’uu himaniiru.

Kunis tuuriizimii Itiyoophiyaa guddisuutti dabalataan, dameen dhunfaa tuuriizimiirratti akka hirmaatu kan taasisu, tuuriizimiin ijaarsa biyyaarratti dhiibbaan uumu laayyoo miti jedhan.

Daandiin Qilleenssaa Itiyoophiyaa Afrikaarra darbee Addunyaarratti filatamaa ta’uu ibsuun, kunis tuuriizimiif gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru.

Ministeerichi daataawwan garaagaraa fayyadamuun buufataalee fi bakkeewwan hawwata tuuriizimii akka daawwataman gochuuf damichi haala qorannoo bu’uureffateen akka hogganamu taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Kunis Tuuriizimiin sadarkaa dinagdee gooroo Itiyoophiyaatti jijjiirama qabatamaa akka fidu kan taasisuudha jedhan.

Guddina diinagdee fi misooma waaraaf humna tuuriizimii fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.