Damichi guddina dinagdee keessatti qooda guddaa taphateera – Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Ebla 9,2017(FMC)- Guddina dinagdee akka biyyaatti galmaa’e keessatti dameen Geejibaa fi Loojistiksii ga’ee dandeessisummaa isaa sirriitti akka ba’ate Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee ibsan.
Ministirri Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaa bakka argamanitti raawwiin karoora Dinagdee Gooroo fi Damee Geejjibaa fi Loojistiksii qoratameera.
Dooktar Alamuu Simeen, biyyattiin gama hundaan guddina dinagdee ariifataa galmeessaa jiraachuu dubbatanii, guddinni caalu itti fufiinsaan akka galmaa’uu danda’u agrsiistuuwwan adda addaa jiraachuu kaasaniiru.
Guddina galmaa’e kana keessatti dameen geejjibaa fi loojistiksii ga’ee dandeessisummaa isaa sirriitti ba’achuus himaniiru.
Oomishni ba’uu fi galu akkasumas sochiin geejjibaa biyya keessaa dabalaa waan dhufeef dameen geejjibaa fi loojistiksii haala walfakkaatuun of guddisuu irra darbee akka seektera diinagdee tokkootti caalmaatti hojjechuu akka qabu dabalanii ibsaniiru.