Dargaggoo umrii xiqqaa Dippiloomaatii ta’e – Charinnat Hariifoo
Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Lammiin Itiyoophiyaa dargaggoo Charinnat Hariifoon Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa dhaabbii Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa ta’uun mudame.
Dargaggoon umrii waggaa 23 Charinnat Hariifoon xalayaa muudama isaa Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareeziif kenneera.
Afrikaa bakka bu’uun waltajjiiwwan idil addunyaarratti hirmaachuuf gahuu kootti gammachuutu natti dhagahama jedhe Dargaggoo Charinnaati fuula miidiyaa hawaasummaa isaan.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon dargaggoo Charinnat Hariifoof yeroo hojii gaarii hawwaniiru.
Hayilamaariyam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
#Oromia #Ethiopia