Dhaabbanni Biraazil xiyyaara oomishu Itiyoophiyaatti damee Aviyeeshiniirratti hirmaachuu akka barbaadu ibse
Finfinnee, Ebla 15, 2017(FMC)- Dhaabbanni Biraazil xiyyaara oomishu Imbireer jedhamu Itiyoophiyaatti dameewwan Aviyeeshinii garaagaraa keessatti hirmaachuu akka barbaadu ibseera.
Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Itiyoophiyaatti Itti aanaa Ambaasaaddara Biraazil Jaaksan Liimaaniifi hoggantoota dhaabbatichaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Alamuu Simeen, mootummaan damee Aviyeeshiniif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa biyyoota addunyaa biroo waliin walitti kan hidhe ta’uu ibsaniiru.
Oppireetaroonni dhuunfaa damee Aviyeeshinii irratti bobba’an hedduun jiraachuu kaasanii, filmaatawwan invastimantii bu’a qabeessa ta’an abbootiin qabeenyaa alaa irratti hirmaachuu danda’an adda bahuu eeraniiru.
Akka fakkeenyaattis suphaan xiyyaaraafi qaama xiyyaaraa oomishuun dameewwan bu’aa qabeessa adda baafaman ta’uu himuun, dhaabbaticha waliin hojjechuufi deeggarsa barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Bakka buutonni dhaabbatichaa gamasaaniin, xiyyeeffannoo Itiyoophiyaan Aviyeeshiniif kennite ilaaluun dameewwan garaagaraa keessatti hirmaachuu akka barbaadan ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Suphaa xiyyaaraa, qaamolee xiyyaaraa oomishuufi dameewwan leenjii irratti tumsaan hojjechuu kan barbaadan ta’uus eeraniiru.
Dabalataanis xiyyaarota balallii biyya keessaaf oolan haala fedhii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa eegeen dhiyeessuu akka danda’aniifi daandii qilleensichaa waliinis tumsaan hojjechuu akka barbaadan kaasaniiru.