Dhaabbata Poolisii bilisaa fi gahumsa qabu ijaaruun nageenya biyyattiif gumaacha olaanaa qabaachuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Dhaabbata Poolisii bilisaa fi gahumsa qabu ijaaruun nageenya biyyattiif gumaacha olaanaa qabaachuu Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabramikaa’eel ibsan.
Hojiilee waliigalaa riifoormii Poolisii Federaalaa fi gaaffiiwwan ummatarraa ka’aniif Komishinarri Jeneraalaa Dammallash ibsa kennaniiru.
Dhaabbata Poolisii bilisaa fi gahumsa qabu ijaaruun nageenya biyyatti mirkaneessuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu himaniiru
Sirnoota darban keessa poolisii dabalatee dhaabbiilee nageenyaatti gaaffiin bilisaa fi walabummaa ka’aa turuu eeruun, sirnootaaf looguun ejjennoon dhaabbatummaa isaanii gaaffii keessa galee turuu kaasaniiru.
Jijjiiramaa as garuu rakkoo kana furuuf jijjirama yaadamaa irra eegale hojiileen riifoormii hojjetaman dhaabbaticha bilisaa fi walaba taasiseera jedhan.
Poolisiin Siyaasa, Amantaa, Sanyii fi neetwoorkii hanaarraa bilisaa fi biyya isaa ceesisuu akkaataa dandeessisuun akka ijaaramuu taasifamuus eeraniiru.
Poolisiin federaalaa riifoormii dhaabbatumma erga hojirra oolchee as biyyattiitti dameewwan ittisa yakkaa fi qorannoo yakkaan bu’aan galmaa’uu dubbataniiru.
Hojiilee qorannoo yakka teeknooloojiin deeggaruun bu’aan kun argamuus ibsaniiru.
Polisiin Federaalaa taateewwan sadarkaa Idil Addunyaa fi ayyaanoota ummataarratti hojiilee shororkessummaa fi yakka gurmaa’aa ittisuu fi fashaleessuun hojiileen hojjetamanis bu’aa qabeessa ta’uu himaniiru.
Akkasumas dhaabbiilee nageenyaa nannoolee waliin hojiilee qindoominaan hojjetamaniin bu’aan olaanaan argamuu kaasaniiru.
Hariiroo gaarii ummataa fi Poolisii giddu jiru bu’a qabeessummaa ergama poolisiif gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, ummanni yeroo hunda hariiroo poolisii waliin qabu guddisuu akka qabu himuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinaarra argame ni mul’isa.
Ummanni Appilikeeshinii dhaabbatichi hojirra oolche ‘EFPApp’ fi bilbila bilisaa 991 irratti bilbiluun gochaalee yakka wayita argan eeruu kennuun gahe isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.