Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fayyaa naannoo Tigraayiif Ambulaansiiwwan 120  deeggarsaan kennaman

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Dhaabbileen fayyaa naannoo Tigraay Ambulaansiiwwan 120 dabalatee qorichaaleefi meeshaalee yaala fayyaa garaagaraa deeggaramuu ibsame.

Naannichatti dhiyeessii qorichaa furuufi waliingahiinsa Ambulaansii babal’isuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjetamaa jiraachuu Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaatti Itti gaafatamaan Waajjira Naannoo Tigraay obbo Birhaanuu Makonnin ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Riiferaalaa Ayidariifi Hospitaalli Waliigalaa Maqalee meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 18’tti shallagaman argachuun eerameera.

Bakka Bu’aan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Yeroo naannichaa obbo Miikii’ela Hagos, dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.