Dhaabbileen amantaalee nageenya Itiyoophiyaa waareessuu keessatti gahee olaanaa qabu jedhame
Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Dhaabbileen amantaalee nageenya Itiyoophiyaa waareessuu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Keyiraddiin Tazarraan.
Konfiraansiin nageenyaa mata duree “gahee dhaabbilee amantaa ijaarsa Nagaa fi Araaraaf” jedhuun magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Konfiraansichi Gumii dhaabbilee Amantaalee Naannoo Oromiyaan kan qophaa’e yoo ta’u, nageenyaa fi tokkummaa lafa qabsiisuuf kan xiyyeeffateedha jedhame.
Konfiraansicharratti haasawaa kan taasisan Ministir Deetan Ministeera Nageenyaa Dooktar Keyiraddiin Tazarraan, Dhaabbileen amantaalee nageenya Itiyoophiyaa waareessuu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan.
Konfiraansicharratti Abbootiin Amantaalee, Qondaaltonni Olaanoo Mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.
Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.