Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Barnootaa dhuunfaa galmaa’an ulaagaa guutuu hindandeenye – Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2017, (FMC)- Dhaabbilee barnootaa dhuunfaa akkaataa Ulaagaa madaallii haaraatiin galamaa’an 273 keessaa kan ulaagicha guute tokkoollee akka hin jirre Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itiyoophiyaa beeksise.
Abbaan Taayitichaa ulaagaa haaraa baase irratti hundaa’uun dhaabbileen barnootaa dhuunfaa 273 galmaa’uu fi 84 ammoo dhiyaachuu diduu isaaniitiin eeyyamni isaanii haqamuu ibsuun isaa ni yaadatama.
Dhaabbileen barnootaa dhuunfaa kunniinis damichi durfamee waan irratti hin hojjetaminiif ulaagaa haaraa kaa’ame guutuun ulfaataa waan ta’eef deeggersi mootummaa akka isaan barbaachisu Faanaa Midiyaa korpooreshinitti himaniiru.
Abbaa taayitichaatti daayrekterri Ittaanaan Kenniinsa eeyyamaa fi To’annoo Qulqullinaa Wubsheet Taaddalaa akka dubbatanitti dhaabbileen barnootaa kunniin ulaagaa waan hinguunneef daangaan yeroo guyyaa 45 kennamuufii dubbataniiru.
Barattootas gara dhaabbilee barnootaa daangaa yeroo dabalataa kennameef keessatti ulaagaa guuttataniitti dabarsuun akka baratan gochuu dabalatee filannoowwan adda addaa kan fudhataman ta’uu Abbaan Taayitichaa beeksiseera.
Takkaallinyi Haayiluutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.