Dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa hidhattoota Shaneerratti oppireeshinii qindaa’aa gaggeessuu eegalan
Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa fi Keeniyaa hidhattoota Shaneerratti oppireeshinii qindaa’aa gaggeessuu eegaluu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.
Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen akka eeretti, Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajilichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Daayrektarri Jeneraalaa Taajajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Keeniyaa Nuuraddiin Mohaammad Hajii, akkasumas, Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisaa fi Poolisii biyyoota lameenii mari’ataniiru.
Waltajjii marii waloo kanaan bu’uura kallattii kaa’ameen, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawaa irratti waloon hojjechuuf waliigalteewwan mallatteessan hojiirra oolchuuf ooppireeshinii qindaa’aa gaggeessuu eegaluu ibseera.
Dhimmoota faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii irratti miidhaa geessisuu danda’an, shororkeessummaa, daldala kontirobaandii, daddabarsaa namootaa seeraan alaa fi daddabarsaa meeshaalee waraanaa ittisuurratti hojiileen qindaa’aan eegalamuun ibsameera.
Sochiiwwan kanneen keessatti kan hirmaatan hidhattoonni shanee naannawaa daangaa biyyoota lameeniirraa dhabamsiisuuf akka tumsuu ibsichi akeekeera.
Haaluma kanaan qaamoleen nageenyaa fi tasgabbii biyyoota lameenii kaampiiwwanii garichaa daangaa isaanii keessatti argaman irratti oppireeshinii gaggeessaa jiru jedheera.
Dhimmicha ilaalchisuun Tajaajilli Poolisii Keeniyaa ibsa baaseen akka eeretti, gareen shanee naannawaa daangaa socho’u yakkoota daangaa ce’oorratti akka hirmaatu himeera.
Garichi meeshaalee waraanaa seeraan alaa, daldala albuudaa fi daddabarsa namootaa akkasumas walitti bu’iinsa gosaa uumuun yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa biyyattii ta’aa jiraachuu yaadachiiseera.
Kanarraa ka’uun, nageenya hawaasaa mirkaneessuuf oppireeshinii bal’aa gaggeesuu eegaluu beeksiseera.
Hanga ammaattis oppireeshinii gaggeeffameen garicharratti miidhaan olaanaan qaqqabuu ibseera.
Oppireeshiniin qindaa’aan eegalame cimee akka ittifufuu kan mirkaneesse Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, garichi waamicha nageenyaa taasifameef diduun ofii isaarratti miidhaa labsuus, ammallee daandiin nageenyaa cufaa akka hintaane hubachiiseera.
Miseensonni garichaa hafanis waamicha nageenyaa akka fudhatan tajaajilichi waaamicha dhiyeesseera.
#Oromia #Ethiopia