Dhalattoonni Tigraay Finfinneetti argaman hiriira deeggarsaa bahan
Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC) – Dhalattoonni naannoo Tigraay Finfinneetti argaman mata duree ‘filannoon keenya nageenya’ jedhuun hiriira deeggarsaa bahaniiru.
Jiraattoonni kunneen deeggarsaa fi murannoo nageenyaaf qaban agarsiisuuf hiriira gaggeessaa jiru jedhame.
Tigraayiif misooma malee waraanni hin barbaachisu, misoomaa fi hojiilee misoomaa naannichaa gufachiisuun faayidaa hin qabu jedhu dhageessisaniiru.
Qaamoleen siyaasaa garaagartee isaanii mariin furachuu akka qaban gaafataniiru.
#0romiyaa #Ethiopia