Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota aadaa isaa beeku horachuuf haaromsi aadaa barbaachisaa ta’uun himame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC)- Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Giddugala Aadaa Oromootti Aartistoota Oromoo waliin haaromsa aadaa irratti mari’achaa jiraachuun ibsameera.

Maricha kan eegalchiisan Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa dubbii dubbataniin, dhaloota aadaa isaa beeku horachuuf haaromsi aadaa barbaachisaadha jedhan.

Waltajjicharratti qorannoon dhiyaateen, Addunyaa gara ganda tokkootti dhufaa jirtu keessatti aadaa fi duudhaa ofii eeggachuuf haaromsi aadaa barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas beekumsa xabboo fayyadamuun aadaa laafee ture jajjabeessuuf hojjetaa jiraachuun eerameera.

Manneen barnootaa Sirna Gadaa fi Safuu akka barsiisan, Buusaan Gonofaan akka hundeeffamu, Manneen Murtii Aadaa akka hundeeffaman, Irreechi bakka muraasatti sodaan gaggeeffamaa ture har’a bakkeewwan 86’tti bifa hawwataa ta’een akka kabajamu, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu fi Ifa Boruu akka babal’atan, ikkoowwan tuurizimii fi Paarkiiwwan Biyyaalessaa Oromiyaa keessa jiran akka babal’tan taasifamuus kaasaniiru.

Dabalee Gaarradootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.