Dhaloota barnootafi teeknoolojiin dorgomaa ta’e qabachuun milkaa’ina egeree badhaadhina biyyaaf murteessadha – Pir.Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Naannoo Sidaamaatti Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu eebbisiisan.
Saboonni keenya lamaan ummata aadaa, safuufi seenaa waliin qooddatu qofa osoo hintaane eenyummaa hidda latiinsaafi dhiiga kan waliin hirmaatu; jijjiirama dhufeef ummata waliin aarsaa kanfalee qabsaa’edha jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Guutuun ergaa isaanii haala argamaan gadiin dhiyaatera.
Guyyaa har’aa, ummata Sidaamaa gidduutti argamee qaama sirna eebba “Mana Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Sidaamaa Lakkuu” baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaaramee ta’uu kiyyaan hedduu gammadeen jira. Turtii kiyyaanis walitti dhufeenyi ummata Sidaamaafi ummata Oromoo ollummaa bira darbee, obboloota seenaa gaddaaf gammachuu waliin qooddataniifi tokkummaa hinreeqqifne qaban ta’uu caalatti dhugoomsera.
Saboonni keenya lamaan ummata aadaa, safuufi seenaa waliin qooddatu qofa osoo hintaane eenyummaa hidda latiinsaafi dhiiga kan waliin hirmaatu; jijjiirama dhufeef ummata waliin aarsaa kanfalee qabsaa’edha.
Hoggansi keenya amma jirus tokkummaa ture caalatti ceesisuuf misoomaan walitti hidhuuf cimsee kan hojjataa jirudha.
Tokkummaa ummattoota kanneenii cimsuun imala badhaadhinaa biyyaa eegalame itichuun, misoomaa waloo tumsuu irratti xiyyeeffachuun guddina biyya keenyaa dhugoomsuu irratti argamna. Addatti misoomni barnoota irratti ta’u, dhimma dhaloota umuufi egeree biyyaa bu’uuressuuti.
Bu’uura biyya jabaa ijaaruun kan danda’amu barnoota, dinagdeefi sirna irratti misooma hojjachuun yoo danda’ameedha. Bu’uuruma kanaan, hojiin har’a hojjataa jirru kun hanga armaan dura qophoofne ta’us, bu’uura har’a keenyun ammoo boru humna waloo cimaa kan ittiin ijaarru ta’a.
Dhaloota barnootafi teeknoolojiin dorgomaa ta’e qabachun milkaa’ina egeree badhaadhina biyya keenyaaf isa murteessadha. Manni Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Sidaamaa Lakkuu kunis, qaama babaldhina (extension) hojii naannoo keenyatti dhaloota barnootaan gahoomsuuti.
Sabaafi sablammoonni akkasumas ummattoonni biyya keenyaa, egeree biyyaafi cehumsi waloo keenyaa qeenxeetti milkaa’uu akka hindandeenye hunduu beekuu qaba. Ijaarsi manneen barnootaa akka kanaa, mootummaan keenya naannolee ollaa keessatti raawwachaa jiru waadaa duudhaa ummata keenya ganamaatti deebi’uuf qabanneefi walkabaja, jaalala akkasumas hammannaa ummata keenyaa irraa fudhachuun kan ta’eedha. Baajanni ijaarsa mana barumsaa kunis nurraa hafee utuu hin taane miira obbolummaa agarsiisuufi fakkeenyummaa waliin misoomuu ta’uuf hir’ina qabnu irraa ilmaan ummata keenya Sidaamaaf kan tumsineedha. Kunimmoo, obbolummaa keenyaaf asxaa kabajaa ta’ee kan dhaabbatuudha.
Dhumarrattis, simannaa ho’aa ummanni Sidaamaa nuuf taasiseef maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin galateeffachaa, mootummaan keenya barnoota dabalatee, hojii misoomaafi hawaasummaa hidhata ummatootaa cimsuu danda’an gama hundaan Naannoo Sidaamaas ta’ee naannolee hafan hunda waliin tumsaan hojjechuuf yeroo kamiiyyuu caala qophaa’aa ta’uus asuman ibsuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia