Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Onnee

Finfinnee, Mudde 9, 2017 (FMC) –Dhibeen onnee tasa kan namatti dhufu yoo ta’u, hiddonni dhiiga onneef raabsan tasa wayita cufaman kan mudatudha.

Dhibeen Onnee tasaa kunis wayita mudatutti, hatattamaan wal’ansa kan barbadu ta’uu Ogeeyyiin Fayyaa ni dubbatu.

sababonni dhibee kanaaf nama saaxilan, huubaa qoonqoo irra deddebi’ee nama dhukkubu, sochii qaamaa taasisuu dhiisuu ,tamboo xuuxuu, dhugaatii alkoolii baay’isuu, nyaata coomaa fi koolestiroolii hedduu of keessaa qabu sooraachuu, dhibeewwan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaraa, kalee fi kanneen biroo qabaachuun dhibee onneef kan nama saaxilaniidha.

Mallattoolee dhibee onnee:

-Hafuurri wal hanqachuu

-Dadhabbiin namatti dhagahamu,

-Dhahannaan onnee sadarkaa olaanaan dabaluu

-Dhukkubbii laphee ykn qomaa mallattooleen kunneen kan yeroo onneen miidhamte namatti dhagahaman ta’uun ibsmeera.

Maloota ittisaa:

*Yeroo dhukkubbiin huubaa qoonqoo namatti dhaga’amu yeroon wal’aanamuu,

*Sochii qaamaa taasisuu,

*nyaata Koolestirooliin itti baay’ate hir’isu,

*Namoonni dhibee biroo kanneen akka, dhiibbaa dhiigaa, kalee fi sukkaaraa qaban akkaataa ogeessi fayyaa ajajeen hordoffii fi wal’aansa taasisuu fi yeroo yeroon ilaallamuun dhibicha ittisuun ni danda’u.

Madda- Fuula Waa’ee Fayyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.