Dhohiinsi namoota 70 ol galaafate of-eeggannoo taasisuu dhabuurraan mudate- Iraan
Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Dhohiinsi lubbuu namoota 70 ol galaafate of-eeggannoo gahaa taasisuu dhabuurraan kan mudate ta’uu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Iraan beeksise.
Balichi kan mudate boba’aan baalaastik misaa’elaaf tajaajilu “Soodiyeem Parkilooti” jedhamu haalaan waan hin qabamneef dhohuu dhaabbanni nageenyaa Embiree jedhamu ifoomseera.
Ministirri Ministeera Dhimmi Biyya Keessaa Iraan Iskandaar Moomeeniin, sababni balaa buufata daldalaa Shaahiid Raajaa’iitti mudate kun of-eeggannoo taasisuu dhabuufi pirootokooliiwwan nageenyaa eeguu dhabuu akka ta’e dubbataniiru.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Iraan garuu sababni dhohiinsa kanaa boba’aa Soodiyeem Parkilooti ta’uu haaleera.
Dhaabbanni misooma tajaajila buufataa, buufata sana bulchu meeshaaleef of-eeggannoo gahaa waan hin gooneef yeroo garaagaraatti irra deddeebiin rakkooleen kan mudatan ta’uu ibse.
Sanbata darbe dhohiinsa buufata daldalaa Shaahiid Raajaa’ii irra gaheen namoonni 70 ol yoo du’an namoota kuma 1 ol irra miidhaaan qaamaa gahuun kan yaadatamudha.
Namoonni dhuunfaa ka’umsa balichaaf itti gaafatamummaa qabu jedhaman to’annoo jala ooluun qoratamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii ibsuu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia