Dhukkuboota hawaasa miidhaan dhabamsiisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruu barbaachisa- Dooktar Darajjee Dhugumaa
Dhukkuboota hawaasa miidhaan dhabamsiisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Giddugalli Laabiraatoorii Rifeeraalaa Qo’annoo fi Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Adaamaa meeshaalee fi keemikaaloota qorannoo Dhibee Hooqxoo Birrii miiliyoona 34 oliin bituun tajaajilaaf akka oolu taasiseera.
Saganticharratti Dooktar Darajjee Dhugumaan, Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaa fi qooda fudhattonni biroon argamaniiru.
Dhibeen hooqxoo hawaasa akka hinmiineef akka biyyaatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Dhukkuboota hawaasa miidhaan dhabamsiisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruun barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.