Dooktar Abiy keessummoota Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhan
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad keessummoota Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Keessummoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantootaa Gamtaa fi Walga’ii Idilee 46ffaa Mana Maree Hoji Raawwachiiftootaarratti hirmaachuuf Finfinnee gala jiru.
Dooktar Abiy Ahimadis keessummoota kanneenin baga nagaan dhuftan jechuun ergaa dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia