Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Komishinara Nageenyaa fi Tasgabbii Siyaasaa Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Komishinara Nageenyaa fi Tasgabbii Siyaasaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaddar Baankoolee Adi’ooyee waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis walta’iinsa nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa gidduu ture itti fufsiisuurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.
Biyyoonni lameen baatii dhufu kan gaggeeffamu Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaa ilaalchisuun qophiilee taasifamaa jiranirratti mari’achuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia