Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Warqinaa Gabaayyoon deeggarsa Deenmaarki Nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf taasistu dinqisifatan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)- Barreesaa Olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabaayyoon deeggarsa Deenmaarki Nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf taasistu dinqisifataniiru.

Dooktar Warqinaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin,Xalayaa muudamaa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Deenmaarki fi Biyyaatitti Ergamaa Bakka Bu’aa IGAD Suun Kiroogistirap fudhuu ibsaniiru.

Ulaagaalee walta’iinsa IGAD fi Deenmaarki hojirra oolchaa jiranirratti mari’achuun ibsameera.

Keessattuu Deenmaarki ijaarsa Sirnaa, Bulchiinsa gaarii, nageenyaa fi tasgabbii akkasumas aadaa walitti bu’iinsa hiikuu irratti haaloota waloon hojjechuu dandeessisanirratti bal’inaan mari’ataniiru.

Mootummaan Deenmaarki nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa akka mirkanaa’u deeggarsa taasisaa jiruuf Dooktar Warqinaan dinqisifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.