Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Warqinaa Gabayyoon Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa( IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoon Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf waliin mari’ataniiru.

Dooktar Warqinaan, murannoo Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa ammaa wayita Hogganaa Mana Maree Ministirootaa IGAD turanittii fi yeroo garaagaraatti qormaatileen naannawichaa akka hiikamaniif murannoo agarsiisaa turan dinqisiifataniiru.

IGAD fi Gamtaan Afrikaa hojii waloo naannawichaa fi guutuu Afrikaatti nageenya, tasgabbiifi badhaadhina mirkaneessuuf eegalan cimsanii akka itti fufan amantaa qabaachuu kaasaniiru.

Dooktar Warqinaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mahaammud Alii Yusuuf Afrikaatti hojii tumsa, nageenya waaraafi badhaadhina cimsu akka hojjetaniif hawwii gaarii ibsaniiru.

Mahaammud Alii Yusuuf Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaan  Dura Taa’aa Komiishinii Gamtaa Afriikaa ta’uun filatamuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.