Fana: At a Speed of Life!

Doonaaldi Tiraampi Kakuu Pireezidaantummaa raawwatan

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Doonaaldi Tiraampi Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun kakuu raawwataniiru.

Pireezidanti Tiraamp Waashngitan DC’tti kan argamuu Galma Kaappitool Hiilitti sirna kakuu raawwachuun, hojiilee bara aangoo pireezidaantummaa isaaniitti hojjetaan ilaalchisuun haasawaa taasisaniiru.

Pireezidaanti Tiraamp haasawaa isaaniin naannawaa daangaa Meeksiikoorratti daddabarsa baala sammuu hadoochuu to’achuuf labsii yeroo ariifachiisaa akka labsan beeksisan.

Bulchiinsi isaanii tokkummaa fi bilisummaaf kan hojjetu ta’uu eeranii, mootummaan isaan keessatti lammiileen Ameerikaa hiddaa dhaloota Afrikaa, hidda dhaloota Eeshiyaa qaban akkuma lammiilee Ameerikaa biroo hirmaannaa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa akka qabaatan ibsan.

Ameerikaan hariiroo dippiloomaasii biyyootaa addunyaa biroo waliin qabdu nagaarratti kan bu’uureffate ta’uu himanii, biiroo pireezidaantummaa seenuun duraa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas giddutti gaggeeffameef dhiibbaa taasisaa turuu yaadachiisan.

Ameerikaatti qaala’iinsaa gatii mul’atu hir’isuuf keessumaa gatii boba’aa akka hir’atu taasisuuf kan hojjetan ta’uu, damee maanufaakchariingiif dandeetti qabdu guddisuuf, Ameerikaa dhiyeessituu aanniisaa olaantuu taasisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Yeroo dhiyoottis maqaa Galoo Galaana Meeksikoo gara “Galoo Galaana Ameerikaatti” akka jijjiiran kan dubbatan Tiraampi “Kaayyoon keenya ijoon biyya badhaatee fi bilisummaa qabdu uumuudha” jedhan.

Tiraampi dhimma Baha Giddu Galeessaa irratti nama nagaa buusuu fi tokkummaa uumunan ta’a jechuun akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.