Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Bareedinaa Afrikaa marsaa 5ffaa gaggeefama jira

Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)-Dorgommiin Bareedina Afrikaa Marsaa 5ffaa Magaalaa Finfinnee Paarkii Michuummaatti gaggeefama jira.

Dorgommiin kun wagga waggadhan biyyoota Afrikaa garaagaraatti kan gaggefamuu yoo ta’u, bara kana qopheessumma Biiroo Aadaa, Turizimii fi Aartii Magaalaa Finfinneettin gaggeeffama jira.

Kayyoon dorgommii kanas mo’attoonni dorgommichaa bakka hawwata tuuriizimii Afrikaa akkasummas Itiyoophiyaa Addunyaatti beeksisuufi jedhameera.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaa, Tuuriizimii fi Aartii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaan addatti FMC’f yaada kennaniin, dorgommiin bareedina bara kana Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaa yeroo gaggeefama jirutti ta’uun bakka hawwata tuurizimii Magaalaa Finfinnee beeksisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Injiffattuun “Miss Africa” bara kanas hawaata tuurizimii Itiyoophiyaa halaan kan beeksistu ta’a jedhaniiru.

Feenan Nuguseetu gabaase.

#AU #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.