Dorgommiin Maaraatoonii Riilee Itiyoophiyaa 20ffaan magaalaa Adwaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 22, 2017 (FMC) – Dorgommiin Maaraatoonii Riilee Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Tigraay magaalaa Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Dorgommicha Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileet Koomaandar Silashii Sihiin jalqabsiisaniiru.
Ramaddii dhiirotaan Atileet Gammachuu Didhaa, Hagos Gabrehiwootiifi atileetonni bebbeekamoon biroon hirmaachuu eerameera.
Ramaddii dubartootaan ammoo atileet Yaalemzerf Yehuwaalaawu, Ijjigaayyoo Taayyee fi Lemlem Hayiluu dabalatee atileetonni biroon hirmaachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.