Dubartoota fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Guyyaan Dubartoota Addunyaa 49ffaan naannolee fi magaaloota garaagaraatti kabajameera.
Magaalaa Dirre Dhawaatti bakka Af Yaa’ii Itti Aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon argamanitti Guyyaan Dubartoota Addunyaa kabameera.
Aadde Loomiin hojiilee bulchiinsi magaalaa Dirre Dhawaa dubartoota fayyadamoo taasisanii fi jajjabeessuuf hojjetaa jiru daawwataniiru.
Guyyicha sababeeffachuun Agarsiisaa fi Baazaarii Interpiraayizii dubartootaan qophaa’e banuu ragaan Kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Guyyaan kun naannoo Amaaraa magaalaa Dasee fi Naannoo Harariittis sagantaalee adda addaan kabajameera.
#Oromia #Ethiopia