Fana: At a Speed of Life!

Duulli garee finxaaleyyii guutummaatti barbadeessuu cimee itti fufa – L/J Shuumaa Abdataa

Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Ajajni Komaandoo fi Humna Qilleensaa naannoo Amaaraatti hojii qindoominaan hojjetaniin bu’aa olaanaa galmeessuu Ajajaan Ajaja Komaandoo fi Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Shuumaa Abdataan ibsaniiru.

Naannichatti Miseensonnii fi hoggantoonni ajajichaa walta’iinsaan hojiin hojjetan bu’aa gaarii argamsiisuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa Humni finxaaleyyii humna waraanaa dura dhaabbachuun lolu kan hin qabne ta’uu dubbataniiru.

Shiftaa ta’uun hawaasa fakkatee saamicha filannoo godhatee qabeenya hawaasaa saamuratti bobba’uu eeraniiru.

Duulli garee finxaaleyyii guutummaatti barbadeessuu cimee kan itti fufu ta’uu Leetanaal Jeneraal Shuumaa Abdataan ibsuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Nageenya ummataa mirkaneessuuf wareegama kaffalamuu qabu hunda ni kaffalla jedhan.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.