Fana: At a Speed of Life!

Eebba hafuuraa baatii Ramadaanaa argame itti fufsiisuun Musliima hundaarraa eegama – Yaa’icha

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Eebba hafuuraa, jaalala, kabajaa fi tokkummaa baatii Ramadaanaa argame itti fufsiisuun Musliima hundaarraa kan eegamau ta’uu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ibse.
Yaa’ichi Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Hawaasa Musliimaa maraan baga geessan jedheera.
Baatiin Ramadaanaa baatii karri cubbuu itti cufamu, karri jannataa itti banamu, baatii eebba hafuuraa fi kennaa addaa ta’uu ibseera.
Baatii hawaasni Musliimaa soomaa fi kedhannaan uumaatti dhiyaate, jaalallii fi waaliif nahuun itti argame, gaarummaa fi obbolummaan itti dagaage baatii guddaa ta’uu himeera.
Eebba hafuuraa, jaalalaa, kabajaa fi tokkummaa Baatii Ramadaanaa keessa argame itti fufsiisuun gahee hawaasa Musliimaa hundaa ta’uu yaa’ichi ibsa isaan himeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.