Fana: At a Speed of Life!

Eemireetonni Araba Gamtoomanii tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa baankii BRICS ta’uuf taasistu akka deeggartu ibsite

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Eemireetonni Araba Gamtoomanii tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa baankii BRICS ta’uuf taasistu kan  deeggartu ta’uu ibsiteerti.

Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Umar Huseen Ministeera Maallaqaa Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Daayrektara Hariiroo Faayinaansii Idil-addunyaafi  bakka buutuu Baankii BRICS Tuura’iyaa Alhaashmii waliin mari’ataniiru.

Kaayyoon marichaa gaaffii Itiyoophiyaan miseensa baankichaa ta’uuf dhiyeessiteef deeggarsa argamsiisuuf ta’uun eerameera.

Ambaasaaddar Dooktar Umar Huseen, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa baankichaa ta’uuf taasisaa jirtuufi dhimmoota miseensa ishee taasisuu danda’an irratti ibsa kennaniiru.

Eemireetonni Araba Gamtoomaniis deeggarsa akka taasistu gaafachuu isaanii ragaan Embaasii Itiyoophiyaa Emireetota Araba Gamtoomaniitti argamurraa argame ni mul’isa.

Tuura’iyaa Alhaashmii gamasaaniin, gaaffii Itiyoophiyaan miseensa baankichaa ta’uuf dhiyeessite fudhatamummaa akka argatuuf biyyi isaanii deeggarsa kan taasistu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.