Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi talaallii COVID-19 raabsuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC)- Ejansiin dhiyeessii qoricha Ityoophiyaa talaallii vaayarsii koroonaa naannoolee  fi bulchiinsota magaalaa hundaaf raabsuu itti gaafatamaa garee raabsaa obbo Tasfahuun Abree ibsaniiru.

Raabsaa talaalliicha bu’ura lakkoofsa raabsaa Ministeerri Fayyaa baaseen bulchinsa magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa, Amaaraa,  saba fi saballammoota kibba, Sidaamaa, Gambeellaa, Tigraay, Affaar, Beenishaanguul Gumuuz, Somaalee, Hararii fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaaf raabsamu ibsameera.

Wayita raabsichaatti meeshaan haala qilleensa qorichichi barbaduu to’atuu konkolaattoota hundaarratti hidhamuu fi qulqullinni talaallichaa eegamuun dhaabbilee fayyaa qaqqabuu obbo Tasfaahuun himaniiru.

Ejensichi qorichoota vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 1 fi kuma 84 kan fudhachuun isaa ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.