Fana: At a Speed of Life!

Ejensiin Geejjiba Oromiyaa tajaajila geejjibaa ammayyaa, si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Ejensiin Geejjiba Oromiyaa tajaajila geejjibaa ammayyaa, si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Buufatni Konkolaattootaa bakka duudhaa fi safuun hawaasaa keessatti kabajamu akka ta’uuf qindoominaan hojjechaa akka jirus ibseera.

Qaamota seeraan ala buufata konkolaataa seenuun imaltoota jeeqanii fi gocha seeraan alaa buufata keessatti raawwatanirratti qaamolee Nageenyaa waliin ta’uun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu eerera.

Haaluma kanaan qaamolee buufata Konkolaataa Magaalaa Naqamtee keessatti hojii alseerummaa raawwatan 42 to’annoo jala oolchuu ibseera.

Hojiin kun buufataalee Konkolaataa hunda keessatti kan itti fufu ta’uu ragaan ejensicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.