Embaasiiwwan itiyoophiyaatti argaman ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Embaasiiwwan adda addaa Itiyoophiyaatti argaman ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Embaasiin Ingiliz ayyaaanicha ilaalchisee ergaa dabarseen hordoftoota amntaa Kiristaanaa maraan baga ittiin isin ga’e jedheera.
Itiyoophiyaa fi Ingiiliz ayyaana du’aa ka’uu guyyaa tokko kabajuun walitti hidhamiinsa aadaawwanii kan guddisuudhas jedheera.
Embaasiin Ameerikaas hordoftooa amntichaa Kiristaanaa maraan baga geessaan jedheera.
Embaasiiwwan Jarman, Iraan, Awustiraaliya fi Paakistaanis hordoftoota amantichaa biyya keessaa fi ala jiraatan hundaan baga ittiin isin gahe jechuun ayyaana gaarii akka ta’uuf hawwii qaban ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia