Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Daandii Dirree

Kaleessa sosochii garaagaraa magaalaa Dirre Dhawaa daawwadheera. Guddinni Dirre Dhawaan daran ammayyoomuuf taasistu dinqisiisaadha.

Dirreerraa wantoota jahan kanneen haa barannu.

  1. Indaastiriiwwan Dirre Dhawaafi naannawaashee tattaaffii of danda’uuf taasifnu kan saffisiisan ta’uu argeera. Oomishaalee dheedhii ofii baasuun indaastirii misoomsuun baratamuu qaba.
  2. Hojiin Dirre Dhawaa giddugala Tuurizimii Konfiransii taasisuuf hojjetamu fakkeenya kan ta’udha. Hojiileen hoteelota buleeyyii fooyyessuufi haaraa ijaaruu hojjetamaa jiru. Giddugalli Konfiransii Dirree Dhawaa wayita xumuramu hanqina galma walga’ii walga’iiwwan guguddoo kan salphisudha.
  3. Dirree durumaanuu uumaan miidhagina gonfeeraani. Ijaarsi daandii magaalicha wal gahaa jira. Kanarratti hojiin misooma koridarii dandeettii dabalataa ta’eeraafi.

Daandiiwwan lafoofi bakkeewwan bashannanaa ijaaramaafii jiru.  Seenaa daandii baaburaa kan qabdu Dirreen, tooftaan ittiin sarara baaburaa misooma kooridariin walqabsiiste warreen kaaniif fakkeenya kan ta’u.

  1. Baabura daandii duraaniin hanga Dawaleetti akka hojjetu taasiseera. Qabeenya kuufamaa jiru beekuun misoomsuun faayidaa uummataaf oolchuun akkasi.
  2. Istaadiyeemiin Dirree ulaagaalee idil addunyaa guutee xumuramaa jiraachuu daawwadheera. Istaadiyeemii biyya keeyyaa waraabbiin tapha galgalaa irratti gaggeeffamuu danda’edha. Istaadiyeemii kana yeroon xumuruun qophii Waancaa Afrikaa fuulduratti yaadneef dandeettii nuuf ta’uu qaba.
  3. Hundarra Manni Kitaabaa Dhaloota Ida’amuu wayita xumuramu Dirreen giddugala tuurizimiifi daldalaa qofa osoo hin taane giddugala beekumsaa ni taati.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.