Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabarsan.

Baatii tokkoof akkaataa Heera Mootummaa, waliigaltee Piriitooriyaa fi gorsa hawaasa Dippiloomaasii itti dabaluun marii bal’aan gaggeeffamaa tureera.

Akkaataa seeraan yeroon aangoo Geetaachoo Raddaa xumuramuu hordofee ce’umsa kana eenyu akka itti fufsiisuu danda’u marii bal’aan gaggeeffameera.

Har’a karaa nagaa fi aadaa ce’umsa aangoo haaraa ta’een sagantaa walharkaa fuudhiinsaa raawwanneerra.

Jeneraal Taaddasaan waggoota lamaan darbaniif Itti Aanaa Geetaachoo Raaddaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Rakkooleefi cimina turan nama haalaan hubataniidha.

Hanqinoota amma naannicha keessatti mul’atu furuun naannicha ceesisuu akka danda’an qaamoleen hedduun kan itti amananiidha.

Carraa argatanitti fayyadamuun rakkoolee nageenyaa fi misoomaa Naannoo Tigraay furuun ummanni naannichaa akkuma ummata Itiyoophiyaa biroo nagaan bahee akka galu, hojiilee Itiyoophiyaa fi Afrikaaf seenaa ta’u akka hojjetan abdii qabna jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.