Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Gabeessummaa Qonnaa Keenya Akkamiin Haa Mirkaneessinu?

Qonni sektara ummanni keenyaa harki caalu irratti bobba’e; dinagdee naannoo keenyaa keessattis damee misoomaa gahee guddaa qabudha.

Hirkannaan sektaricha irratti qabnu baldhaa ta’us, ka’umsa badhaadhina maatiifi motora misooma dinagdee osoo hinta’in tureera.

Kufaatii kanaaf, rakkoo xiyyeeffannoo dhabuu “gabeessummaa qonnaa” (agricultural commercialization) akka sababa tokkootti kaa’uu dandeenya.

Armaan dura, yaaliiwwan xixiqqaa qonna gabeessuuf taasifamanis osoo hinmilkaa’in hafaniiru.

Taatee kanaaf sababoota akka hangafaatti kaafnu keessaa inni duraa, hoggansi, caasaan mootummaafi omishtoonni, gabeessaa qonnaa, ofirraa hafa (surplus) omishuu qofa taasisanii hubachuu isaaniti.

Kanarraa kan ka’e, hojiileen gama hidhamiinsa gabaa, dhiyeessii galteewwan kurfeessa qonnaa (agro-processing)’fi faayinaansii, waldaalee hojii gamtaafi bu’uuraalee misoomaa baadiyyaa irratti raawwatamuu qaban xiyyeeffannoo gahaa osoo hinkennaminiif hafaniiru.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya tarkaanfilee qaawwa gabeessa qonnaa turan duuchuu danda’an adda baasuuf yeroo hinfudhanne.

Fakkeenyaaf, humna badhaadhina maatii ilaalchisee kallattii afur kaa’ee socho’aa ture.

Kanniin keessaa tokko, maatiin kamuu hojii omishaalee isaa baay’ina omishaa argamsiisaniin qofa osoo hintaane, barbaadama gabaa irratti qabaniin karoorsee akka raawwatu; lammaffaa, galii omisha isaa irraa argatu keessaa, yooxiqqaate %35 qusatee gara invastimantiitti akka ce’uu kan jedhaniidha.

Haaluma kanaan, inisheetivoota omishaalee gabaa alaafi biyya keessaatti barbaadaman akkasumas, gatii gaarii baasan bocuun qoteefi horsiisee bultoota (omishtoota) jajjabeessuu irratti argama.

Raawwii tureen omishtoota muraasa bu’a qabeessa taasisuun danda’amus, galma gabeessa qonnaa keenya irraa hedduu fagoo jirra.

Kufaatii yaaliwwan darbanii irraa akka hubannutti, gabeessi qonnaa ofirraa hafaa akkasumas fedhii gabaa ilaaluun omishuu cinaatti, gabaa caasawaa, daballii sonaa, deeggarsa maallaqaafi funcaa dhiyeessii (supply chain) gahumsa qabu diriirsuu kan gaafatudha. Gama birootin, caasaa dinagdee omishtoota qorqee adiyyoomsuu irratti hundaa’ee ture jijjiiruu barbaada.

Bu’uuruma kanaan, mootummaan jijjiiramaa, haala qabatamaa keenya, muuxannoowwanifi milkaa’inoota idil-addunyaa irratti hundaa’uun tarsiimoo “Gabeessummaa Qonna Oromiyaa” bocee hojjiitti galchus, qixa barbaadameen waan hinraawwatamneef, bu’aan barbaadamu osoo hinargamin tureera.

Kanarraa kan ka’e, fayidaan omisha qonnaa keenya, qixa omisha ittiin daballeefi barbaadama omishti gabaa irratti qabuun osoo hinguddatin hafeera.

Fuldurattis, hanqina kana maqsuun dilbii qonna keenyaa muldhisuuf, tarsiimoo “Gabeessummaa Qonna Oromiyaa”, milkaa’inoota “muraasa” armaan dura argamaniin gabbisnee kallattiin hojiitti hiikuu qabna.

TOKKO: Waldaalee Hojii Gamtaa Cimsuu

Dandeettii gabaa seenuufi humna murteeffachuu (bargaining power) milkeessuu qoteefi horsiisee bultoota dhuunfaa cimsuuf tumsi waloo isaan barbaachisa.

Dandeettii kana horachuu keessatti gaheen Waldaalee Hojii Gamtaa Qoteefi Horsiisee Bultootaa hedduu murteessoodha.

Muuxannoon biyyoota adda addaa akka agarsiisutti, omishtoonni waldaalee hojii gamtaa cimaa qaban, funcaa gatii (value chain) too’achuu qofa osoo hintaane, dhibbaan isaan indastirii irratti bobba’an keessatti taasisan olaanadha.

Tajaajila kurfeessaa qonnaa (agro-processing) waldaalee kanniin irraa argataniin, omishtoonni xixiqqaa osoo hin hafin hidhamiinsa gabaa idil-addunyaa yeroo mirkaneeffatan muldhata.

Bu’uuruma kanaan, sektarri ilaallatu hundi waldaalee hojii gamtaa qabnu qindoominaan deeggaruufi cimsuu qabu.

Keessumaa leenjiiwwan bulchiinsa biizinasii, bulchiinsa gaarii, imaammata sirriifi naannawaa mijataa umuu irratti xiyyeeffatan baldhinaan kennamuu qabu.

LAMA: Kurfeessa Qonnaa Babaldhisuun Humna Sonaa (Value) Banuu

Qulqullinni omishaa bu’uura ta’us, gatii olaanaa argachuuf kurfeessi qonnaa dhimma murteessadha.

Muuxannoon biyyoota garagaraa akka agarsiisutti, omishtoonni kurfeessa qonnaa qulqullinaan raawwatan gatii gaarii agrachuu qofa osoo hintaane, gabaa idil-addunyaa dhuunfachuu danda’aniiru.

Haala qabatamaa keenyan, kurfeessa omishaalee qonnaa, keessumaa inisheetivootaa irratti ariitiifi baldhinaan invasti gochuu qabna.

Haaluma kanaan, invastimantii teknoolojii kurfeessafi sadarkeessa qulqullina omishaalee akkasumas, hidhamiinsa gabaa caassawaa indastirii godoofi Giddugala Guddina Baadiyyaa bu’uura taasifatan dursa argachuu qabu.

SADI: Hammattummaa Faayinaansii, Qusannaafi Invastimantii Mirkaneessuu

Sirni faayinaansii biyya keenyaa hawaasa baadiyyaa kan lagate ture. Kunis omishtoota baadiyyaa qusannaa, liqiifi invastimantii, walumaagalatti qabeenya horachuu irraa kan dalleesse ture.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, bakka rakkoon kuni jirutti cehumsi baadiyyaa akeeku akka hinmilkoofne hubachuun tarkaanfiilee furmaataa fudhachaa tureera.

Bu’uuruma kanaan, dursa seerri hammattummaa faayinaansii baadiyyaa jajjabeessu akka biyyaatti akka tumamu dhiibbaa taasiseen milkiin goolabeera.

Itti aansuun, dhaabbata faayinaansii dhiyeessii liqii xixiqqaa hojii qonnaa irratti xiyyeeffatu ijaaruu ture; kunis milkaa’era.

Omishtoonni humna omisha gabeessufi babaldhisuu (scale up) akka horatan dhiyeessiin faayinaansii dhimma ijoodha.

Muuxannoon idil-addunyaa akka agarsiisutti, dhaabbileen faayinaansii hawaasa hammatummaa faayinaansitiin ala ture bira liqii xixiqqaa qabachuun gahan, dandeettii raajii rawwachuu hawaasichaa muldhisaniiru.

Inni sadaffaa, inisheetivii qusannaafi invastimantiiti. Innis, maatiin kamuu galii omisha isaarraa argatu keessaa, yooxiqqaate %35 qusatee gara invastimantiitti akka ce’u dandeessisuudha.

Galma kana onnachiisuuf mootummaan seera invastimantii omishtoota baadiyyaa jajjabeessu tumee hojiitti galcheera.

Fakkeenyaaf qoteefi horsiisee bultootaf lafti invastimantii lizii irraa bilisaan akka dhiyaatu akkasumas, sadarkaa godinaafi magaalaatti qofa osoo hintaane aanaatti keessummaa’uu akka danda’an labsameera.

Haala kana dura tureen walbira qabnee yemmuu ilaallu, qusannaan qoteefi horsiisee bultootaa hamma tokko baramaa jira.

Hammantaan isaa qusannaadha gadi ta’ullee invastimantiin omishtoota baadiyyaas muldhachaa jira.

Haata’u malee, maallaqni qusatameefi liqii xixiqqaaf qophaa’e hanga barbaadamu liqeeffatamaa hinjiru.

Gama birootiin invastimantiin qoteefi horsiisee bultootaa, qixa barbaadameen guddachaa hinjiru jechuudha.

Rakkoo kana hambisuuf, dhiyeessii faayinaansii haala qabatamaa omishtootaa keenya yaada keessa galchuufi mijataa ta’e babaldhisuu qabna.

Kanas, leenjii hubannoo bulchiinsa liqii ittigaafatamummaa qabu, bulchiinsa faayinaansifi invastimantii, beekumsa bu’uuraa faayinaansifi kkf baldhinaan kennuun cimsuu barbaachisa.

AFUR: Bu’uuraalee Misoomaa Baadiyyaa Ijoo Guutuu

Gabeessummaa qonnaatiif bu’uuraaleen misoomaa baadiyyaa akka daandii, geejjiba, jallisii, kuusafi kkf dhimma bu’uurati.

Dandeettii gabaa seenuu omishtootaa daran fooyyessuu cinaatti, qisaasama sassaabbii boodaa hirdhiisuuf daandii, kuusaafi geejjiba irratti invasti gochuu qabna.

Invastimantii tarsiima’aan akka kanaa kallattii omishaalee qonnaa murteessoo ta’aniif dursa kennuufi fayidaa hundagaleessa argamsiisu hordofuu qaba.

SHAN: Hidhata Gabaa Amansiisaa (Reliable) Ijaaruu

Gabeessummaa qonnaa jajjabeessuu keessatti, gaheen hidhamiinsa gabaa amansiisaa kan bakka bu’amuu miti.

Armaan dura, hanguma qonna kontiraataa (contract farming) omishtootafi dhaabbilee daldalaa gidduutti taasifamu jajjabeessineen, dhiyeessii galteefi hidhamiinsa gabaa mirkaneessuu dandeenyerra; bu’a qabeessummaa omishtootaas dabaluun danda’ameera.

Hidhata gabaatiin, omishaalee 60 oliif, odeeffannoon gabaa sassaabamee karaa toorawwaniitin (TV, Radiyoo, marsaariitii, gabatee beeksisaa, sagalee guddistuu) tamsa’uurratti argama.

Akkasumas, toorri marsaariitii “Oro-Market” jedhamu misoomee tajaajila kennaa jira. Akkasumas magaalota gurguddaa hedduu keessatti gabaa dilbataa dhaabuun danda’ameera.

Dabalataanis omishaalee muraasaf (avokaadoo, qamadii, muuziifi kkf) hidhamiinsa gabaa alaa umuun danda’ameera.

Haata’u malee, jijjiiramni jiraatus rakkoon hidhamiinsa gabaa amansiisa, har’as qormaata omishtoota ta’uun itti fufeera.

Yeroo itti aanutti rakkoo kana hambisuuf, omishaalee murteessoon kamuu rakkoolee dhiyeessii galtee akkasumas, hidhamiinsa gabaatiin akka hingufanne, qonna kontiraataafi gaabaa caasawaa diriirsuu irratti daran hojjachuu qabna.

Dabalataanis omishtoonni kontiraata haqa qabeessa akka argatan, akkasumas ulaa gabaa kallattiinii saaquun giddu-seentummaan faddaaltootaa omishtoota qorqanii akka hafu, waldaaleen hojii gamtaa daran jajjabeeffamuu qabu.

Walumaagalatti, gabeessummaan qonnaa qindoomina sektaraalee, carraaqqii waloofi tarsiimoo damdanuu gaafata.

Akkatuma kanaan, waldaalee hojii gamtaa keenya jajjabeessun qoteefi horsiisee bultoota keenya angaa’omsuu; “kurfeessa qonnaa” daran babaldhisuun gatii omishaalee qonnaa guddisuu; hammattummaa faayinaansii babaldhisuun qusannaa jajjabeessuu cinaatti, dhiyeessii faayinaansii haala qabatamaa qoteefi horsiisee bultootaa keenya yaada keessa galche mirkaneessuu; bu’uuraalee misoomaa baadiyyaa murteessoo ta’an irratti invastimantii tarsima’aa taasisuun, dandeettii gabatti seenuu omishtootaa cimsuu; akkasumas hidhamiinsa gabaa caasawaafi amansiisaa ijaaruun mamii omishtootaa hambisuun dirqama.

Dilbiin qonnaa naannoo keenyaa wabii nyaataa mirkaneessuu irratti kan daanga’uu miti.

Hudhaalee cehumsa qonnaa keenya daangessan irratti cichoomina, beekumsaafi tarsimoodhaan hojjannaan jireenya maatii fooyyessuu qofa osoo hintaane, guutumatti gara motora cehumsa hawaas-dinagdeetti jijjiirun nidanda’ama.

Kanniin keessa, “gabeessa qonnaa” ilaalchisee, qoddattoota shanan armaan olitti mari’ataman qaamni dhimmichi ilaallatu kamuu qindoominaafi xiyyeeffannoo olaanaan akka raawwatu cimsee qabsiisuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.