Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniifi inistiitiyuutichi dhimmoota waliin hojjechuu danda’an irratti mari’atan

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) –Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniifi Inistiitiyuutiin Leenjii BarnootaTeeknikaafi Ogummaa dameewwan garaagaraan haala waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Daayrektara Olaanaa inistiitiyuutichaa Dooktar Biruuk Kadir dabalatee hoggantoonni olaanoon dhaabbatichaa biroon sosochii hojii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii daawwataniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee lameenii dameewwan tumsaan hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Dameen teeknikaafi ogummaa gahee biyyaaf gumaachuu haala madaaluun xiyyeeffannoo akka argatuuf keessumaa hirmaannaa dargaggootaa guddisuuf miidiyaan shoora olaanaa qabaachu Dooktar Biruuk Kadir ibsaniiru.

Faanaa Miidiyaa Korporeeshiin hojiilee inistiitiyuutichaan hojjetaman hawaasa qaqqabsiisuufi damicha deeggaruuf itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuuf qophii ta’uu ibseera.

Yeroo itti aanutti tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.