Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa Inshuraansii Beelladootaa Horsiisee Bultootaa guddisuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Fayyadamummaa fi hirmaannaa Inshuraansii Beelladootaa Hawaasa Horsiisee Bultootaa guddisuuf hojjetamuu akka qabu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Galmee Inshuraansii Beelladootaa marsaa 2ffaaf gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ministeerichatti Qindeessaan Biyyaalessaa Fooyyessa Piroojektii Duudhaa Diinagdee Hammataa fi Sodaa Balaa Hir’isuu Horsiisee Bultootaa Jamaal Aliyyeen miidiyaaleef ibsan kennaniiru.

Jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee balaan hongee naannawaa Horsiisee Bulaatti irra deddeebiin mudachaa jiraachuu himaniiru.

Rakkinicha waaraan furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa Tajaajilli Inshuraansii Beelladoota isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Horsiisee Bulaan Inshuraansicharraa fayyadamaa akka ta’u hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Tajaajilichi horsiisee bulaan qabeenya isaa gara sirna faayinaansitti galchuun fayyadamummaa fi wabii isaa caalmaatti guddisuuf kan dandeessisu akka ta’e himaniiru.

Beelladoonni hongeen akka hin miidhamne nyaata beelladaa, qorichaalee, bishaanii fi tajaajilawwan biroo horsiisee bultootaaf dhiyeessa jedhan.

Tajaajilli kunis naannoo Oromiyaa, Somaalee, Afaar, Kibba Itiyoophiyaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Galmeen marsaa 2ffaa xumuramuuf guyyoonni muraasni qofti hafuus dubbataniiru.

Kanaaf hawaasni horsiisee bultootaa galmaa’uun fayyadamaa akka ta’uuf waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.