Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli Ispoortii Barattoota Yuuniversiitiwwanii eegale

Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Waggoottan torban darbaniif adda citee kan ture Feestivaalli Ispoortii Barattoota Yuuniversiitiwwanii har’a Finfinneetti eegaleera.

Feestivaalli kun eegaluun faayidaan isaa guddaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan sagantaa baniinsarratti argamuun ergaa dabarsaniin himaniiru.

Barattoonni Yuuniversiitiwwan 49 irraa walitti dhufan gosoota Ispiortii 5 waldorgomu jedhame.

Feestivaalichi hariiroo barattootaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Makiyuu Mahaammad dubbataniiru.

Dorgommiin kun hanga Amajjii 27, 2017tti ture jedhameera.

Daawiit Mahaariitu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.